12/08/2021
Amanuu Nama Dhiba Oduu Gaddaa!
Amanuu hin dandeenye. Abukaatota Jawar faa keessaa tokko kan tahe Abduljebar Hussien boqateera jedhan. Reefu saa’aa 2 dura barruu inni share godhe dubbisaan ture. Baay’een rifadhe! Maatii fi firoottan akkasumas Oromoo maraaf nama jabaa dhabne kanaaf jajjabinan hawwa!
10/08/2021
leecichi akkanatti ummata isaa waliin shaashaa jechaa jira ❤❤💚💚❤❤💪💪💪💪
10/08/2021
WBO gara jabeeysa miti akka waraana Shimallis sana miti
09/08/2021
Hoogganaa keenya kana meeqa keessantu jaallaata mee ❤❤💚💚❤❤
09/08/2021
Kana kunoo waraanni Adda bilisummaa WBO Qellam Gidamii irratti injifannoo galmeessee jira keeny Lolaan waaqa!!!!!
08/08/2021
Saffisaan Waliif Dabarsaa
‼️
WERABE UNIVERSITY keessatti Fincilli har'aas dhoohuun Barattoonni Oromoo baay'ee Jumlaan hidhaatti guuramaa jiru...!! Barattoonni University baay'een achi buuteen isaanii dhabameera‼️
"Sagalee nuuf taha barattoonni waraabee unverstii jumlaadhaan mana hidhaatti guurama jiru barattoonni baayyeenis osoo baqachaa jiranii achi buuteen dhabamee jira ,barataa oromoo ajjeessuun haa dhaabbatu dhaaddannoo jedhu dhageesisnee akkasumallee hidhamtoonnii siyaasaa keenya hanga hiikamanitti ithoophiyaan nagaa argachuu hin dandeessuu abiyyi aangoo gad haa lakkisu dhaadannoo jedhu dhageesisnee hidhaatti poolisii kibbaan guuramaa jirraa😭😭😭"
👉Saffisaan Waliif Dabarsaa ‼️
07/08/2021
-HASAN MAALTU ADDA GODHA?🥇
-Iccitiin sababa nuti akkanatti SIIFAN jaalannee kabajnuuf Injifachuu ishee qofa osoo hintaane Simboo guddaan sabboonummaa Oromummaa isheeti!
-Yeroo itti diinni ilmaan Oromoo qaalii hidhaa fi ajjeechan gidirsee, eenyummaa keenya yakkee dukkana Oromiyaatti uwwise kanatti…
-Yeroo itti alagaan alaabaa seenaa fi seexaa eenyummaa Oromoo shororkeessummaadhan yakkee, dukkanatti awwaale kanatti…
-Akka garaa alagaa guggubee, kan lammii boonsutti eenyummaa keenya ormaan awwaalame, gantuudhan salphifame kaleessaa hanga har’aatti addunyaatti ibsuu isheetif jaalala qofa miti, akka qabsooftuu Oromootitti ni galateeffanna, karaa isheetirras ni hiriirra!
-Oromummaan bu’uura Gootummaa dhuunfaa osoo hintaane, injifannoo gootummaa dhalootati! Injifannoon Siifan injifannoo seenaa fi seexaa uummata Oromoo bal’aati! Eeyyee! Isheen Goota Ispoortii qofa osoo hintaane, Goota Oromoota Oromiyaati! Oromummaa-Sabboonumma-Gootummaa! Nuti kanaaf SIIFAN jaalannA✍️
07/08/2021
Jaal Daawud Ibsaa Maal irra jiru?
===================
Hoggantoota keenya akkanuma nu dagaachiisuuf deemuu ?
Jaal Daawud Abiyoot erga mana keessatti hidhee ji’oota heddu ta’ee jira!
Yoo nuti cal’ifnee ilaalle carraan Hoggantoota keenyaa Kanuma Jaal Nadhii Gammaddaa fi qabsaawoota Kumaatamaan lakkawamaan Kan biroot!
OPDO kaleesssaas,har’aas kaansarii qabsoo Oromooti!
06/08/2021
OMN kallattii barbaaddan irratti ol bahee jira!
Karaa salphaan 57.0°E irratti kallattii EthioSat osoo hin jijjiirin Freq 10985 H 45000 scan gootanii argachuu dandeessu.
06/08/2021
Manni Murtii Obbo Jawaar Mohammad dabalatee hidhamtoota siyaasaa sadiirraa mirga Abukaatoo dhaabsifachuu sarbe.
..
Manni murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa olmaa guyyaa har'aa ooleen galmee himannoo Abbaan Alangaa Obbo Jawaar Mohammadfaa irratti bane yoo ilaalu, sababa Obbo Jawaar Mohammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaafi Haamzaa Booranaa mana murtiitti hin dhihaannu jechuun didabiif jecha, amma qaamaan hin dhihaannetti mirga Abukaatoo dhaabbachuu akka isaan hin qabne jala murtii kennuun, gareen abukaatotaa waa'ee isaanii akka hin dubbanne dhorguusaa abukaatoofi Gorsaan seeraa Obbo Misgaanuu Mullataa OMN-tti himan.
Manni murtichaa beellama yeroo dheeraa booda guyyaa har'aa akkaataa dhihaannaa ragaa Abbaa Alangee ilaalchisee deebii garee Abukaatoo dhaga'uuf taa'us, olmaa har'aatiin deebiin dhaggeeffatamu kan himatamtoota dhaddacharratti dhihaatan qofaadha jechuun deebii himatantoota dhaddacharraa of ittisanii akka hin dhaggeeffanne ibse.
Obbo Misgaanuun akka jedhanitti, akkaataa dhihaannaa ragaalee ilaalchisee Abbaan alangaa ragaan golgaa duubatti naaf haa dhihaatu jedhee gaafachuusaaf sababa mana murtichaaf dhiheeffatus, gareen abukaatoofi himatamtoonni deebii dhimma kanarratti qaban barreeffamaan dhiheessuuf qophiirra osoo jiranii manni murtichaa beellama dabarsee ture.
Ergasii boodas himatamtoota keessaa namoonni afur dhaddacharratti dhihaachuu hin feenu jechuun kan iyyatan yoo ta'u, beellamoota itti aananiin dhimmi adeemsa dhihaannaa ragaaf murtii kennuu hafee, dhimmi jaroota dhaddacharraa of ittisuusaanii ilaalamaa tureera.
Dhaddacha Adoolessa 21, 2013 ta'ameenis manni murtichaa iyyata himatamtoota afurii erga ilaalee booda, mirga dhaddachatti dhihaachuu dhabuu isaaniif raggaasisuun, akkaataa dhihaannaa ragaarratti deebii himatamtootaa ilaaluuf beellama har'atti bulfatee ture.
Beellama har'aa irrattis, sababa ragaan golgaa duubatti dhihaachuu hin qabneef ilaalchisuun deebii abukaatotni barreeffamaan dhiheessan irratti mallattoo himata