17/06/2026
Jabaa umuriin hin dangessine
fuula sport
17/06/2026
Jabaa umuriin hin dangessine
11/06/2026
FIFAn badhaasaa kophee warqii, badhaasaa taphaataa cimaa fi goolii eegaa cimaa qopheesse agarsiisee
11/06/2026
Taphni waancaa Addunyaa bara 2026 jalqabuu sa'ati muraatu hafa. Waancaan Addunyaa bara kana eenyutu injifata jettu?
Akka tilmana kootti ykn
Garuu gareen biyyaalleessa osoo injifatee seenaa haaraa galmeessee hoo maal fakkaata
28/08/2025
Cubbuun namicha kanaa fi gaangee kanaa garuu....
08/08/2025
Fooytuun [ Maallayaan ] Diogo Jota gurgurtaa guddaa galmeesseera...
✍️Tibbaanaa balaa konkolataatiin lubbuunsaa kan darbee🥹 Taphataan sarara fuulduraa Liverpool Diogo Jota fooytuun [maallayaan] Adidas haaraan gabaa irratti baay'ee gurgurameera,fooytuun adidas haaraan Liverpool kana beeksisee gabaaf dhiheessee keessa kan Diogo Jota baay'inaan gurguramuun maallayaa Liverpool kan barana gurguramee sadarkaa lammaffaa qabateera!
✍️Taphataa mallatteessaa haaraan mallatteesse Florian Wirtz taphataa Liverpool fooytuu [ maallayaa] baay'ee gurguramee tokkoffaadha,Liverpool galii gurgurtaa fooytuu [maallayaa] Diogo Jota irraa argamu hunda faawuundeeshinaa kilabichaaf arjoomuun maallaqichi hojiwwaan tol-ooltummaaf hojirraa oolaa... Waw Live👏
✍️Liverpool kabaja fi yaadannoo Jota jecha maallayaa lakkoofsa 20 soorama kan baase yoo ta'u, marsariitii kilabichaa irrattis ni mul'ata,gama biraatiin Maallayaa Adidas haaraan Liverpool bara darbe yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu gurgurtaan isaa dachaa torbaan dabaleera.
Aanaa el.... Tu✍️
01/08/2025
Jecha ajaayibaati
Aanicha keessa daandiin karaan ba'anii galan hin jiru. Kominikeeshiniin kan rakkoo ummata baasu qabu asi siyaasa xinxalaa jira.
22/04/2021
Animee
Jaalala kee urursee
Onnee kooti baadhaa
Firii jaalala keen
Dhandhamaa jiraadha
Dabarseen of kennem
Guutuman koo keedhaa
Bultis ijaarannee
Si waliin turuun fedhaa
Dawwitii koo godheen
Si keessatti of laalaa
Maqaa keen karoorseen
Karoora koo ofkalaa
Dibaabe koo aduuf rooba
Galma haara galfii
Jedhetaan si jaaladhaa
An siif hin qabu salfii
Urjii koo iftuu koo
Anaaf jiruun sumaa
Situ na aburee
Jalqabaa haga dhumaa
Asheeta jaalala
Narraa cirii nyaadhu
Galma onnee kooti
Mana godhu jiraadhu
04/04/2021
Amalaaf naatoo keen
qalbii kiyya mootee
onnee koo bantee seentee
mana dhuunfaa kee goote
Akkan si jaalladhu
ragaa kootu kumaa
jalqabaaf dhumni koo
guduunfaan koo suma
Ani kun...
Kan utuu hidhii xuuxuu
Firii jiruu hin xuuxne
Ani kun hawwaadha
Hawwaa hawwiin hin guunne
Kan utuu 'bor' eeguu
Qaroo ijaa dhubbe
Ani kun qilleensa
Obboleessa bubbee...
Takka na waxala
Takka ammoo na waada
Ani kun- huummoodha
Bulee ka'een aada
Ani kun hafteedha
Haftee gobaa fi gufuu
Kan takka dhaabbachuuf
Si'a dhibba kufu