Adama City Health Office

Adama City Health Office

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Adama City Health Office, Government Organization, Adama.

29/05/2026
27/05/2026

Caamsaa 19/2018
====\\===\\=====
Hordoftoota Amantaa Musliimaa Hundaaf:
×××××××××××××××××××××××××××
# Baga Ayyaana Eid-Al-Adhaa(Arafaa)tin Nagayaan ittiin isin ga'e!

-Ayyaana Gaarii

- EidMubarek!

# Waaj/F/Bul/M/Adaamaa!
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷

Photos from Adama City Health Office's post 25/05/2026

Caamsaa 17,2018
==============
Oduu Gammachisaa!
**********************
√ Guyyaa Har'a Waajjira Fayyaa Bul/M/Adaamaa jalatti Manni Qoricha Hawaasa /community Pharmacy/BF-Adaamaa Aanaa Odaa keessaatti Fuullee Bataskaana Maaramiitti Bakka Hoggantoonni sad.Magaalaa Hanga aanaa jiran irratti argamanitti Haala Ho'ina qabuun ifatti eebbifamuun hojiif banaa ta'e jira.

√ Haaluma kanaan Manni Qoricha Hawaasaa kun Kan ebbifame Koree Ebba Pirojektii Bul/Magaalaatin ta'uun isaa beekkamaa jira.

√ Kun akkuma jirutti ta'ee hoggantoonnifi keessuummoonni kabajaa sagantaa eebba Mana Qoricha Hawaasa BF-Adaamaa kana ilaalchisuun haasawaa fi ergaalee injoo dabarsanii jiru.

√ Keessayyuu I/G/W/F/Bul/M/Adaamaa Sr. Samiiraa Mohaaammeed akka jedhanitti banamiinsi Mana Qoricha Hawaasa kun Rakkoo Bulchiinsa gaarii gama dhiyeessii qorichaatin jiru kan furuufi dhiyeessii qorichaa gatii madaalawaadhan hawaasni akka argatuuf jedhanii jiru.

√ Dabalataanis mana Qorichaa banuun galmaa miti jedhanii jiru Sr.Samiiraa Mohaammed.

√ Galma ta'uu kan danda'uu yoo Manni Qorichaa Har'a iffatti ebbifamee baname kun yeroo hunda banaa ta'ee, Qorichoota barbaachisoo ta'aniin guutamee gatii madaalawaadhan Hawaasa yoo tajaajileedha jedhanii jiru.

:
===\\==
I/G/W/F/Bul/M/Adaamaa Sr.Samiiraa Mohaammeed milkaa'ina ijaarsaa Pirojeektii Mana Qorocha Hawaasa kanaafi akkasumas eebba guyyaa har'aa irratti qaamoota Hoggansaa sad.sad.jiranii(Sad.Magaalaa hanga Aanaatti jiran) fi Ogeessoota deeggarsaa fi Hordooffii taasisan hunda galatoomfachuun sagantaan Haala gaariin Xumuramee jira.

Photos from Adama City Health Office's post 20/05/2026

Caamsaa 12/9/2019
========\\\=======
√ Guyyaa Har'aa akka Waajjira Fayyaa Bul/M/Adaamaatti Hojiin deeggarsaa fi Hordooffii*Qindaa'aan Buufataalee fayyaa 2-irratti gaggeeffamee olee jira.
√ Isaanis:
1. BF- Hawaas fi
2. BF- Dambalaa irratti ture.

√ Haaluma kanaan -Gareen waliin Qindaa'uun Hojii D fi H-gaggeessaa turan immoo:
- PHEM fi
- DPC/ HE- fi kominikeeshinii fi Egumsa Fayyaa Naannoo(Env'tal-Health activities) yoo ta'u cheekliistii Deeggarsaa fi Hordooffii irratti Hundaa'uudhan:
° Ciminoota
° Hanqinoota
° Rakkoolee fi
° Kallattiin garafulduraa maal ta'uu akka qabu adda bahee jira.
√ Akkuma beekkamuu kaayyoo fi barbaachisuummaan hojii deeggarsaafi Hordooffii waajiljira irraa sad.dhaabbilee fayyaa ykn Buufataalee fayyaa irratti gaggeeffamuu Buufataaleen fayyaa keenya hanqinaalee ykn rakkoowwan hojii keessatti isaan mudate adda baasuun yeroodhan tarkaanffiin sirreeffama gama qaama dhimmi ilaallatuun akka fudhatamuufi yeroo itti anu keessatti hojii fooyyee ykn gaariin gama kenniinsa tajaajila fayyaatin akka dhufuuf ykn jiraatuif jedhameeti.

# Xumura:
===\\===
√ Xumura irra argannoon Deeggarsaa fi Hordooffii bifa duubdeebiitin Hoggansaa fi Maneejimantii BF-tif kennuun sagantaan Haala gaariin Xumuramee jira.

Photos from Adama City Health Office's post 19/05/2026

Caamsaa 9/2018
===//=====\\===

Guyyaa Har'aa Hojjetoota fi ogeesssoota seektara fayyaa Bul/M/Adaamaatif haala kenniinsa tajaajila Lafaa ammayyaa'aa(Dijitaalaayizeeshinii)irratti hubannoon ykn Oreenteeshiniin gama ogeessoota Waajiira Lafaatin bakka Hoggansi Waajjira Fayyaa jiranitti Haala gaariin kennamee jira.

√ Dabalataanis daawwannaan gamoo Haarawa Haarawa*Public Open Space*Bul/M/Adaamaatiin ijaaramaa jiru daawwatamee jira.

# Xumura:
===\\===
Mariin Haala daawwannaa Sagantaa Dijitaalaayizeeshinii tajaajila lafaa wajjin walqabatee gaggeeffame irratti gama fayyaatiin tajaajila Dijitaalaayizeeshinii egalame akkamitti xumurree tajaajila guutumaa gututtii waraqaa irraa bilisa/paper free seevice/ kennuu dandeenya kan jedhu irratti mariin gaggeeffamuun Buufataaleen fayyaa dursanii egalan akka cimisaniifi kan egalanii hanga ammaa hin xumurree immoo dafanii xumurun hojiitti akka galan kallattiin hojii garafulduraa gama hoggansa Mana Hojiitin kennamuun sagantaan Daawwannaan haala gaariin xumuramee jira

Photos from Adama City Health Office's post 18/05/2026

10/9/2018
====\\===
Guyyaa Har'aa Hojjettoonni Waaj/F/Bul/M/Adaamaa Daawwannaa *Dijitaalayizeeshinii* tajaajila lafaa irratti hirmaachuun hubannoo argatanii jiru.

Want your business to be the top-listed Government Service in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address

Adama