Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan

Share

Hawaasatti Dhiyaannee Haqaaf Haqaan Hojjenna!

18/01/2026

๐๐š๐ ๐š ๐€๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง๐š ๐‚๐ฎ๐ฎ๐ฉ๐ก๐š๐š ๐๐š๐ ๐š๐ฒ๐š๐š๐ง ๐†๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง !
โ€ขโ€ขโ˜…โ€ขโ€ข
Hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana cuuphaa nagayaan geessan jechaa ayyaanichi kan nagaa fi gamachuu akka isiniif ta'u Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan isiniif hawwa.
๐€๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง๐š ๐†๐š๐š๐ซ๐ข๐ข !!
โ€ขโ€ขโ˜…โ€ขโ€ข
10/05/2018
๐Œ๐Œ๐€๐Š๐Œ๐๐’๐‡

Photos from Mana Murtii Olโ€™aanaa Magaalaa Adaamaa's post 13/01/2026
06/01/2026

๐๐š๐ ๐š ๐†๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง !!
โ€ขโ€ขโ€ข
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan Hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaa Maraan Baga Ayyaana Qillee Nagayaan Geessan Jechaa Ayyaanichi kan Nagaa fi Gammachuu Akka Isiniif Ta'u Hawwii Qabu Ibsa.
โ€ขโ€ขโ€ข
๐€๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง๐š ๐†๐š๐š๐ซ๐ข๐ข !!

Photos from Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan's post 25/11/2025

๐๐š๐ฃ๐ž๐ž๐ฅ๐Ÿ๐š๐ฆ๐š ๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐š๐š ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‹๐ž๐ž๐ง๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐‡๐ฎ๐›๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐”๐ฎ๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐Š๐š๐ง๐ง๐š๐ฆ๐ž
โ€ขโ€ขโ€ขโˆญโ€ขโ€ขโ€ข
Guyyaa arraa sadarkaa Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananiitti hoojjattoota mana murtichaa hundaaf leenjiin hubannoo uumuu qajeelfama haaraya dhiheenyatti bahe Qajeelfama Sirnaafi Naamusa Hojii Dhaddachaa Menneen Murtii Oromiyaa Lakkoofsa 23/2018 irratti laatameera.

Kayyoon Leenjii Kanaa hawwaasni mana murtii dirqama dhaddacha kabajuu fi kabachiisuu isanirraa eeggamu ba'uun dhaddachi Mana Murtii kabaja maluuf qabaachuun kenni tajaajila Abbaa seerummaa bu'a qabeessa akka tahu gochuudha.

Leenjii kanaaniis hoojjattoonni hunduu hubannoo kan argatan yoo tahu namni hunduu qajeelfamicha hojiirra oolchuuf gahee isaa akka bahatu irratti waliif galameera.
โ€ขโ€ขโ€ขโˆญโ€ขโ€ขโ€ข
16/03/2018
๐Œ๐Œ๐€๐Š๐Œ๐๐’๐‡

Photos from Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan's post 22/11/2025

๐—๐ข๐ง๐ฑ๐š๐š๐ฅ๐š ๐’๐š๐›๐š๐›๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ƒ๐ข๐ข๐ ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ, ๐…๐จ๐จ๐ฒ๐ฒ๐š'๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ๐ข ๐๐š๐ฃ๐ž๐ž๐ฅ๐Ÿ๐š๐ฆ๐š๐š๐ง ๐ƒ๐ž๐ž๐›๐ข'๐ฎ๐ฎ ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐Ž๐ฅ'๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐ญ๐š๐š๐ง ๐ˆ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐š๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐Œ๐š๐ซ๐ข๐ข๐ง ๐†๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐จ๐ฅ๐ž.
โ€ขโ€ขโ€ขโˆญโ€ขโ€ขโ€ข
Guyyaa arraa (13/03/2018) sadarkaa Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananiitti sababoota galmeen ol'iyyataan ilaalamaa turan mana murtii ol'iyyata ilaaluun akka diigaman,fooyya'an fi qajeelfamaan deebi'an taasisan irratti xinxaalli gaggeeffame bakka Abboottiin seeraa hundi argamanitti dhiyaatee irratti mariyatamee jira.

Xinxaalli kun galmeewwan daangaa yeroo waxabajjii 8/2017 hanga onkololeessaa 30/2018tti hoojjataman kan haammate yommuu tahu murtii mana murtii keenyaa fi Mana Murtii ol'iyyata ilaaleen kanname seeraa rogummaa qabuun walbira qabuun sababoota galmeeleen ol'iyyataan ilaalamaa turan diigamaniif ykn fooyya'aniif ykn qajeelfamaan gadi dee'aniif adda baasuun abbaa seeraa Warquu Tokollaatiin qophaahe mariif dhiyaate. Kanumaaniis abbootii seeraa giddutti mariin ballinaan irratti gaggeeffamuun sababoonni diigamuu,fooyya'uu fi qajeelfamaan deebi'uu tokkoon tokkoo galmee xixaalameef ka'uumsa tahaniifi abbaan rakkoos adda bahee irratti waliif galameera.

Xumura irratti guduunfaa fi kallattii fuul-duraa kannameen xinxaalli gaggeeffamee mariif dhiyaate kun hanqinaalee jiran ifatti kan agarsisee fi madda isaanii kan adda baasee waan taโ€™eef Abbootiin seeraa hundi hanqinaalee adda bahaan fooyyeessuuf xiyyeeffannoo addaatiin naamusa hojii abbaa seerummaa barbaaduu goonfachuun hojjechuu akka qaban akeekamuun marichi milkiin goolabamee jira.
โ€ขโ€ขโ€ขโˆญโ€ขโ€ขโ€ข

13/03/2018
๐Œ๐Œ๐€๐Š๐Œ๐๐’๐‡

Photos from Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan's post 20/11/2025

๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐š ๐ƒ๐ก๐š๐ ๐š๐ก๐š ๐‡๐š๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐š๐š
โ€ขโ€ขโ€ขโˆญโ€ขโ€ขโ€ข
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananiitti Dhaddachi Dhagaha Halaalaa Aanaa Awaash Malkaa sa'aa galmee keessummeessuu kan jalqabee yommuu tahu guyyaa arraa qofa galmeen yakkaa 19 adeemsa RTD'n dhiyaatanii murtii argataniiru.
โ€ขโ€ขโ€ขโˆญโ€ขโ€ขโ€ข
11/03/2018
๐Œ๐Œ๐€๐Š๐Œ๐๐’๐‡

Photos from Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan's post 07/11/2025

๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐š ๐ƒ๐ก๐š๐ ๐š๐ก๐š ๐‡๐š๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐š๐š
โ€ขโ€ขโ€ขโˆญโ€ขโ€ขโ€ข
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan guyyaa arraa (28/2/2018) tajaajila Abbaa Seerummaa hawaasaaf dhaqqaabamaa gochuuf tajaajila sirna faayila elektiroonikaa fi dhagaha halaalaa Aanaa Awaash Malkaa sa'aa irratti jalqabsiiseera.
โ€ขโ€ขโ€ขโˆญโ€ขโ€ขโ€ข
๐Œ๐Œ๐€ ๐Š๐Œ๐๐’๐‡

Want your business to be the top-listed Government Service in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Mamo Mazamir Street
Adama