Tokuma isa Dhuga church

Tokuma isa Dhuga church

Share

Gospel preacher

25/02/2026
29/10/2025

follow godhaa

29/10/2025

***Ejjennoo mataa kee qabaadhu***

Akkuma beekamu Namni addunyaa lamaan dhimmisaa murtaa'a.Addunyaa Foonii fi addunyaa hafuuraan.Nuti Warri Kiristositti amanne miiraan osoo hin taane hafuuraan hoogganamna.Kana jechuun koo namummaa Keessaa isa hafuura keenya waliin walii galee ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya nuuf mirkaneessu jechuu kooti.
Addunyaan Foonii Akka bishaan gabateerraa Waanuma isatti tolutti nu harkisa.Nutis Yeroo danuu ni gototamnaaf.Haa ta'u malee Kiristaanummaan miira Fooniin kan harkifamu utuu hin taane Foon isaa Ciqila'ee Kiristoosiif akka bitamu Gochuu qabana.

Kiristoosiif Bitamanii jiraachuun Namootatti toluu dhiisuu mala.garuu bu'aa bara baraa qaba.Kun immoo ija hafuuraan malee ija fooniin hin argamu.
Yeroo ammaa kana namoonni danuun ija fooniin qofaa ilaalanii garatti deeman dhabanii Yeroo isaan burjaajja'an ilaaluun waan baramaa ta'eera.Isilaaman ta'e,Ortodoksiin ta'e jechuun Waan argaa jirrudha.Jalqaba Maaltu gallaafin Kiristoos duukaa bu'an.ammammoo maaltu itti hir'annaan biraa hafan.Tulluu darban buddeenni hamma tulluu ga'a isa jedhamu sanaaf buddeena hamma tulluu ga'u nyaachuufii? moo jireeya hafuuraa argachuufi?

Walumaa galatti Warri 5000 ta'anii buddeena dinqii nyaatan buddeenni dhibamnaan hafan.Warri dubbiisaa nyaatan beelaanis fannifamuudhaanis isa kabajan.Kanaafuu Ejjennoo sirrii haa qabaannu.Garuma Qilleensi nu oofuutti hin luuccofnu.Buddeen quufuuf hin gulufnu.Beela'uufis quufuufis dandeettii amantii nu barbaachisa.eebbifamaa.Apostel Peter Teka
Tokuma isa Dhuga church
Dhugaaf Dhugaa Ba'i

09/10/2025

.
…………………………………
1)Barnaabaas:-ibbiddaan gubamee du'ee.
2)Vitaalaas:- fayyaatti awwaalamee du'ee.
3)Luqaas:-mukaa ejersaatti fannifamee du'ee.
4)maatiyaas:-in fannifamee,dhagaadhan fannoorrattii reebamee,qottoodhan mormattii fannoorrattii citee obbaaffatee.
5)Yihudaa Alfeewos:-ulleedhaan hammaa du'aatti reebamee obbaafatee.
6)Yaaqob Alfeewos:-gamoo mana qulqullummarraa gad-darbatamee miillisaa lamaan ergaa cabee ulleedhaan
reebamee du'ee.
8)Barteelemoos:-ni reeban, gadi garagaalchanii fannisàan, fannoorratti osoo lubbuutti jiruu gogaa irraa baasani qottoon mormaatti kutaan.
9) Indiriyaas:- halkaan sadiif guyyaa sadii fannoorra oluudhaan du'ee.
10) Filiphoos:-mataa isaa fannootti hidhaani, dhagaadhan fannoorratti reebani ajjeesan.
11)Yaaqob Zabdeewos:-mana hidhaa keessatti mormattii citee du'ee.
12)Phaawuloos:-mormaatti cituudhan du'ee.
13)Toomaas:-Allaanga sibilaa dimmeeffameen ergaa reebamee Zaayitaa danfee keessa buusun cinnaachasa Eboodhaan waraananii ajjeessan.
14)Simoon Alfeewoos:- fannifamee du'ee.
15)mariqoos:- lafarraa goototamee du'ee.
15)maatiwoos:-Akka fannifameetti lafatti waaqaranii mormaatti kutaan. Egaan yaa obboolataa ko nuhii qabsoo lubbuun lallabuu miti jireenyi keenya kristoosin lallabaa jiraa.
nuhii garuu kristoos isaa fannifameen in lallabna, in labsinaa,dhugaa baana,aarsaa taanaa ,in deemna hangaa Adaaraa lafaattii Ameen...
Seenaa gootota wangeelaa kana share godhi.Isaan lubbuu isaanii utuu hin mararsiifatin hanga du'aatti wangeelaa lallaban atimmoo share gochuu hin dadhabin. Sababni isaa namoonni seenaa gootota kanaa haa dubbisani.

Want your business to be the top-listed Government Service in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Adama