Bole Subcity, Adama

Bole Subcity, Adama

Share

Bole Subcity Prosperity, Government Institution

Photos from Bole Subcity, Adama's post 03/12/2024

Kutaa Magaalaa Booleetti Leenjiin Intarpirunarshiippii Dargaggootaaf kennamu har'as itti fufeera.
Leenjiin kun Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatiin Dargaggoota Kuma 3 ta'aniif marsaa kanaan carraa hojii uumuuf karoorfamee leenjii kennamaa jirudha.

Photos from Bole Subcity, Adama's post 30/11/2024

Aanota Kutaa Magaalaa Boolee Zooniiwwan hunda keessatti hoggansifi Ummanni haala yeroo irratti mari'achaa jiru
Mariin kun Zooniiwwan hundumatti dhimmoota nageenyaa, misoomaafi haala waliigalaa yeroo irratti, sanadni marii dhihaate mari'atama jira

Photos from Bole Subcity, Adama's post 28/11/2024

Guyyaan Sabaaf Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa 19ffaan Kutaa Magaalaa Booleetti Marii Paanaaliin kabajamaa jira.

Guyyaan Kun mata dure Waliigaltee Biyyaalessaa Tokkummaa Sabdaneessaaf jedhuun marii Paanaaliitiin kabajamaa jira.

Kabaja guyyaa kanaa irratti HRO Kutaa Magaalaa Boolee Obboo Bariisoo Baqqalaafi I/G Paartii K/M Boolee Obbo Girmaa Kabbadaa haasawa taasisaniin guyyaan kun guyyaa injifannoo Sabootaafi Sablammootaafi Ummata biyya keenyaati kan jedhan yoo ta'u, kunis Federaalizimii dhugaatiin mirkana'eera jedhan.

Sanadni Marii kabaja Guyyaa kanaa Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Jawar Mohaammadiin dhihaate, bakka bu'oonni Sabaaf Sablammootaa Kutaa Magaalaa keessa jiraataniin mariin bal'aan irratti taasifameera.

Photos from Bole Subcity, Adama's post 26/11/2024

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaala Booleetti Guyyaan Sabaaf Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa 19ffaan Kabajamaa jira.

Guyyaan kun dhaadannoo Waliigaltee biyyaaleessaa tokkummaa sabdaneessaaf jedhuun Aanoota kutaa magaalichaa hundatti kabajamaa jira.

Photos from Bole Subcity, Adama's post 24/11/2024

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleetti Korri Fooyya’iinsa Sirna Haqaa gaggeeffamaa jira.
Korri kun dhaadannoo ''Qindoomnee Haqaan Haqaaf hojjennee fedhiifi faayidaa ummata keenyaa mirkaneessuu qabna'' jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u bakka bu'oonni kutaalee hawaasa garagaraa kutaa magaalichaa hirmaachaa jiru !!

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Bariisoo Baqqalaa waggoottan darban mootummaan Sirna haqaa faayidaa ummataa eege diriirsuuf hojiin bal'aan hojjetamuu ibsanii, hojii jalqabame caalmaatti mirkaneessuuf sagantaan marii hawaasa kun gahee olaanaa qaba jedhan

Photos from Bole Subcity, Adama's post 22/11/2024

Kutaa Magaalaa Booleetti Hojii Misooma Inisheetiivii Industirii Godootiif Jiraattota Kutaa magaalichaafi Maatii qonnaan bulaa waldaan gurma'aani hojii indastirii godoo irratti hojjechuuf gaaffii dhiheessan waldaa 20 ta'aniif marsaa duraatiin lafti dabarfamee kennameefi jira.

Jiraattoota Kutaa Magaalichaa waldaan ijaaramani hojii misooma inisheetiivii industirii Godoo irratti haal duree hunda xummuraniif guyyaa har'aa Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Boolee lafa dabarsanii kennanii jiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Bariisoo Baqqalaa Waldaaleen Ijaaramanii lafa fudhatan saffisa barbaadamuun ijaarsa sheedii xummuranii hojiitti akka galan dhaamuun, KM deeggarsa barbaachisa akka taasisuuf himaniiru

Photos from Bole Subcity, Adama's post 21/11/2024

Suuraawwan Daawwannaa Hojiilee Misoomaa guyyaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa keessaa‼️

Photos from Bole Subcity, Adama's post 21/11/2024

Horatni Badhaadhinaa Guyyaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaatti daawwatamaa jiru‼️
Hawaasni Kutaa Magaalaa Daabee Guyyaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa ilaalchisuun Hojiilee misoomaa Kutaa Magaalaa Booleetti hojjetamaa jiru daaw'achaa jiru!

Photos from Bole Subcity, Adama's post 20/11/2024

Kutaa Magaalaa Booleetti Sosochiin Daldalaa seeraan alaa dhabamsiisuuf kaayeeffate gaggeeffame.
Qindeessummaa Waajjira Daldalaa Kutaa Magaalaa Booleetiin dhaadannoo ''Mandara hunduma keessatti seera qabeessummaa daldala ni mirkaneessina jedhuun aanaalee kutaa magaalichaa hundumatti gaggeeffameera.

Photos from Bole Subcity, Adama's post 18/11/2024

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Kutaa Magaalaa Booleetti Guyyaan Ayyaana Daa'immaniifi Riivaanii Adii Kabajame.

Guyyaan kun dhaadannoo ''Hawaasa miidhaa Dubartootaafi Daa'imman irratti raawwatamu hin obsine ni uumna '' jedhuun kan kabajame yoo ta'u, Saganticharratti Sanadni marii dhihaatee irratti mari'atameera.

Photos from Bole Subcity, Adama's post 18/11/2024

Guyyaan Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa Kutaa Magaalaa Booleetti marii paanaaliin kabajame.

Koonfiransiin kabaja guyyaa hundeeffamaa waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa Bakka Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Bariisoo Baqqalaafi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Girmaa Kabbadaafi hawaasni miseensa Paartii bal'aan argametti gaggeeffame.

Guyyaan hundeeffama Paartii kun dhaadannoo ''Ol'aantummaa yaadaa Badhaadhina hunda galeessaaf'' jedhuun karaa bu'aawwan injifannoo waggoota 5 darbanii yaadachiseen kabajameera.

Want your business to be the top-listed Government Service in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Adama