Abbaa Gammachis

Abbaa Gammachis

Share

whoever takes Allah as his helper in his life, no one can harm him

30/05/2026
15/04/2026

.

29/03/2026

✍Sadarkaan dubartiin Islaamummaa keessatti qabdu maal fakkaata?

✍- من عال جاريتَيْن حتَّى تبلغا ،جاء يومَ القيامةِ أنا وهو .
وضمَّ أصابِعَه (رواه مسلم)

✍Ergamaan Rabbii ( صلى الله عليه وسلم ) Akkas jedhan “anaafii namni ilmoo dubraa lama guddise jannata keessatti akka quba lamaan kanaati” (Muslimtu gabaase)

✍Abbaan intala dubraa karaa Rabbii irratti qaceellotti kunuunsee sababa guddiseef jannata seena. sikunuunsa
Abbaan worraatis caalaa namaa tahuu yoo barbaade ammas haadha warraa isaatiif nama gaarii tahuun dirqama.

✍خيرُكم خيرُكم لأهلِه وأنا خيرُكم لأهلي (رواه بن حبان )

Rasuulli (صلى الله عليه وسلم ) Akkas jedhan
“Irra caalaan keessan kan worra ufiitiif caalaa ta’e; ani worra kiyyaaf irra caalaa keessan”

(Ibnu hibbaantu Gabaase)

✍Ilmi namaa hundi Rabbitti Aansee haadha isaa galatoomfatutti ajajame:

✍وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا إِيَّاهُ وَبِالْوَالِدَيْنِ إِحْسَانًا الإسراء : 23

✍“Rabbiin dirqama godhe jira; isa malee gabbaruu dhabuu; Haadhaa fi Abbatti tola ooluu”

✍Rabbiin haqa isaatitti aansee haqa Haadhaa fi Abbaa yoo dubbatellee hayxi Haadhaa kan Abbaa irra harka sadihiin caala.

✍جاء رجلٌ إلى رسول الله ،(صلى الله عليه وسلم ) فقال: يا رسولَ اللهِ، من أحقُّ الناسِ بحُسنِ صَحابتي؟ قال: أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أبوك ( رواه البخاري)

✍Gurbaaan tokko Rasuulatti صلى الله عليه وسلم ) dhufee “eenyutti tola oola” jedheen. Isaanis “Hadhateeti” jedhaniin. yeroo sadi itti deddeebi’e gaafatee jennaan “Haadhatee ammas Haadhatee ammas Haadhatee” jedhaniin; afraffaa irratti Abbaakee jedhaniin.
(Bukhaaritu gabaase)

✍Kun sadarkaa dubartiin Islaamummaa keessatti qabdu.
Yaa obboleettii islaamaa! sitti jallatuun dilii shirkitti aantu; sitti qajeeluun ammoo ibaadaa Rabbii tan sadarakaa duraa irratti argamtu irraayi.
Alhamdulillah kaan rabbin dubartii islama si tasisee Rabbin keenna subahanallaahu waa taa ala si kaabajee si jaalate sadarkka gudda kaana siif kennee yaa dubartii muslima
Mee atii hoo hardhaa akkam tayutti jirtta ni,ama rabbin sittii arjjomee kaana seeran itti hojjattee Rabbif gaalata galchitee jirtaa?
Abbaa Gammachis

14/03/2026

🥺
Dhufeetuma Dabre
Hanga Libsuu Ijaa
Khadhaatoon Xumurre
Hedduun Qaba Haajaa

Soommanee Hin Quufne
Anuu Dharraan Baanee
Murtiin Rahmaan Dhufee
Khunoo Addaan Baane..🥺

Yaa Ji'a Ramadaanaa
Duruu Deemuuf Khaatee
Murtii Rabbii Hin Dinnu
Rahmaan Jennaan Taate

Garuu Dhaamsaan Qaba
Dhaamsakhoo Caqasii
Yooniif Danda'ameeeeee
Rabbitti Naaf Geeysii

Yaa Rabbi Yaa Allaah
Mootii Bahaa Seensaa
Murtii Teetiin Taatii
Hunda Sii Murteeysaa

Umuriitoo Hin Beekhu
Duuti Yoom Na Dhuftii
Badii Hedduun Qabaa
Hunda Naaf Dhiisiitii

Umurii Na Dheereysi
Carraa Anaaf Khennii
Towbaa Naaf Mijeeysi
Rabbi Yaa Rahmaanii

Warra Waggaa Dhufus
Soommanu Na Godhii
Badii Tantoo Hundaas
Siif Dhiise Naan Jedhi

Yaa rabbii koo 🤲🤲

Abbaa Gammachis

Want your business to be the top-listed Government Service in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Address

Oromia
Adama
1000