25/09/2025
Leenjii dandeettii raawwachiisummaa hojjetoota mootummaa G/G/L/M/G/K/T EGeO cimsu kenname
Giddu gala leenjii EGeOtti leenjii mata duree Naamusaa fi Qajeeltoowwan Naamusa irratti hojjetoota giddu gala leenjii EGeO damee adaamaatiif kenname irratti hubannoo gahaan uumameera. Daarektarri Giddu Galaa Obbo Gammachiis Simaa Leenjiin dandeetti rawwachiisummaa ogeessaa cimsu kan itti fufuu fi bu’aan madaalamaa adeemas jedhaniiru. Dhuma irrattis qaama leenjiin kun akka kennamu haala mijeessanis galateeffataniiru.
Geejjiba Oromiyaa
18/09/2025
Rooba keessa Gahumsa komkolaachisaa mirkaneessuun faayidaa guddaa qaba jedhame
Giddu gala leenjii mirkaneessa gahumsa konkolaachistotaa fi teekinishaanota EGeO tti qormaanni ooficha dirree Rooba keessa kennamaa jira. Kunis haala qabatamaa biyya keenyaa fi haala qilleensaa rakkisaa ta’e beekanii konkolaachisuuf nama gargaara. Leenjii bu’a irratti xiyyeeffate kennuun, gahumsaa fi beekumsa irratti xiyyeeffate kennuun akkasumas qormaata dandeettii konkolaachisaa madaalu kennuun balaa tiraafikaa yeroo Ammaa biyya keenyaaf yaaddoo ta’e hir’isuun ni danda’ama.
Iddoo Nagaa Oola!
03/08/2025
Giddu leenjii mirkaneessa Gahumsa teekinishaanotaa fi Konkolaachistoota EGeO leenjitoota teekinishaanaa marsaa 31ffaa eebbisiise
Guyyaa 27/11/2017
Giddu galichatti leenjifamtoonni mana amala sirreessaa federaalaa, Geejjiba magaalaa finfinnee fi magaalotaa fi godinaalee oromiyaa irraa dhufuun leenji’a turan guyyaa har’a eebbifamaniiru.
Sagantaa eebba isaanii irraatti dareektarri fi manajimantiin giddu galaa argamuun ergaa baga gammaddanii fi kallattii gara fulduraa kaa’aniiru.
Daarektarri giddu galaa Obbo Gammachiis Simaa ergaa dabarsaaniin akkuma yeroo fi humna keessan baastanii leenjitan uummata keessaniif hojjechuun rakkoo hawaas-diinagdee isaa furuuf jabaattanii hojjechuu qabdu jedhaniiru. Itti dabaluunis balaa tiraafikaa yeroo amma lubbu fi qabeenya namaa gaaga’a jiru hambisuuf gaheen teekinishaanotaa olaanaa waan taheef kana hubattanii loogii tokko malee dirqama ogummaa keessanii bahachuun lammii keessaniif akka hojjettan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Ejensii Geejjiba Oromiyaa