East Shewa Zone Finance Office

East Shewa Zone Finance Office

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from East Shewa Zone Finance Office, Government Organization, Adama.

Photos from East Shewa Zone Finance Office's post 12/02/2026




Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa fi Karoora Hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2018 irratti Manajimantii Waajjira Maallaqaa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa Godinichaa waliin Magaalaa Adaamaa Galma Walgahii Waajjira Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaatti marii gaggeessaa jira.

Photos from Oromia Bureau of Finance's post 08/02/2026
02/01/2026

๐—ข๐——๐—จ๐—จ ๐—š๐—”๐——๐——๐—”๐—”
Hojjattuu Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa kan turan Adde Badriyyaa Abdulbaasix du'aan addunyaa kanarraa boqatan.

Muddee 24, 2018
Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaatti Dursaa Garee Odiitii Faayinaansii kan turan Adde Badriyyaa Abdulbaasix guyyaa kaleessaa Muddee 23, 2018 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

Adde Badriyyaa Abdulbaasix dhukkubsachuun Hospitaalota adda addaatti yaalamaa turanis dhibee isaan mudaterraa bayyanachuu hin dandeenye.

Sirni Awwaalcha isaaniis bakka Maatiin, Firoottanii fi Waahillan hojii argamanitti Magaalaa Adaamaatti guyyaa har'aa raawwatameera.

Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa Maatii, Firoottanii fi Waahillan Hojii Isaanii maraaf jajjabina hawwa.

Photos from East Shewa Zone Finance Office's post 11/12/2025

GAMAAGGAMA RAAWWII HOJII KTL
Muddee 02, 2018

Godina Shawaa Bahaatti Gabaasni Raawwii Hojii Kenna Tajaajila Lammummaa (KTL) Sadarkaa Godinaa, Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa Hanga Kurmaana 2ffaatti Jiru Bakka Hooggantootaa fi Qindeessitoonni Hojii KTL Manneen Hojii Godinichaa Argamanitti Erga Dhiyaatee Booda Gamaaggamni Raawwii Hojii KTL Magaalaa Adaamaa Galma Walgahii Waajjira Maallaqaatti Gaggeeffamee Jira.

Photos from East Shewa Zone Finance Office's post 02/12/2025

BANIINSA CAALBAASII



Sirni Baniinsa Caalbaasii Pirojektii Ijaarsa Riqichaa Eelaa Mikaa'el Aanaa Dugdaatti Ijaaramuu fi Pirojektii Ijaarsa Riqichaa Eelaa Aanaa Lumeetti Ijaaramuu Bakka Itti-Aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Guutaa Gadaa, Miseensonni Koree Pirojektii Ol'aanoo fi Koree Teeknikaa argamanitti guyyaa har'aa gaggeeffamee jira.

Photos from East Shewa Zone Finance Office's post 28/11/2025

Sirna Bittaa Elektirooniksii 'e-GP' Irratti Qooda Fudhattoota Bittaatiif Leenjiin Hubannoo Cimsuu Sadarkaa Godinaatti Kennamaa Jira.
=============================


Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa Qindeessitootaa fi Ogeessota Waajjirichaa fi Seektaroota Abbaa Bajataa Godinichaatiif haala waliigalaa siistama 'e-GP' fi qajeelfama hojiirra oolmaa bittaa fi gurgurtaa qabeenya mootummaa sirna elektirooniksii 'e-GP' irratti Ogeessota Biiroo Maallaqaa Oromiyaa fi Waajjira Maallaqaa Godinichaatiin Magaalaa Adaamaatti leenjii hubannoo cimsuu kennaa jira.

Photos from East Shewa Zone Finance Office's post 17/11/2025

Gamaaggamni Hojiirra Oolmaa Sirna Bittaa Elektirooniksii(e-GP) Gaggeeffame.
===========================
Biiroon Maallaqaa Oromiyaa Manneen Hojii Naannoo 14, Magaalaa 1, Godina 1 fi Aanaa 1 waliin Gamaaggama hojiirra oolmaa Sirna Bittaa Elektirooniksii 'e-GP' har'a Magaalaa Adaamaatti gaggeessee jira.
Gamaaggama kana irratti manneen hojii raawwii hojiirra oolmaa Sirna Bittaa Elektirooniksii 'e-GP' hanga ammaa jiru ilaalchisee waan hojjatan gabaasa isaanii dhiyeessanii jiru.
Gabaasa dhiyaate irrattis mariin kan taasifame yoo ta'u, Sirni Bittaa Elektirooniksii โ€EGPโ€n rakkoolee kanaan dura adeemsa hojii bittaa Mootummaa keessatti mulโ€™achaa turan buโ€™uurarraa kan furuu fi raawwii sirna bittaa mootummaa keessatti baasii kan hirโ€™isu, yeroo kan qusatuu fi iftoomina kan dabalu ta'uun isaa siistamicha daranuu filatamaa taasiseera jedhame.
Akka Godina Shawaa Bahaattis Hooggansaa fi Ogeessonni fedhii fi gahuumsa ol'aanaa raawwii hojii keessatti mul'isaniin godinichi sadarkaa ol'aanaa irra akka jiru Gammaaggama guyyaa har'aa irraa hubachuun danda'ameera.
Dabalataanis Qajeelfamni sirna bittaa elektirooniksii (e-GP) haaraa ba'e hirmaattotaaf dhiyaateera.
East Shewa Zone Finance Office

Photos from East Shewa Zone Finance Office's post 09/10/2025


29, 2018

Godinni Shawaa Bahaa godinaalee Oromiyaa keessaa sadarkaa jalqabaatti siistama Mala Bittaa Elektirooniksii "e-GP" hojiirra oolchuuf akka "Pilet Test"tti kan filatame yoo ta'u, Biiroo Maallaqaa Oromiyaa fi Dhaabbata "Perago System" irraa Garee Deeggarsaa fi Hordoffii Hojiirra Oolmaa "e-GP"tiif dhufan waliin bakka Itti Gaafatamaan Waajjira Maallaqaa Go/Sh/Bahaa Obbo Dastaa Tarreessaa argamanitti mariin gaggeeffamee jira.
"Sirna Bittaa Mootummaa Ammayyaa'aa, Saffisaa fi Qulqullina kan qabu taasisuuf 'e-GP'n hojiirra ni oola."

Photos from East Shewa  Communication's post 04/10/2025
Want your business to be the top-listed Government Service in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Adama

Opening Hours

Monday 08:30 - 17:30
Tuesday 08:30 - 17:30
Wednesday 08:30 - 17:30
Thursday 08:30 - 17:30
Friday 08:30 - 17:30