01/06/2026
Oromia Broadcasting Network (OBN) is a leading public media headquartered in Adama, Ethiopia.
It broadcasts independent news, education and entertainment programs in 17 local languages and three international languages on OBN CYBER MEDIA, Radio and TV. OBN Afaan Oromoo page is a part of Oromia Broadcasting Network (OBN), producing news, podcasts, shows, documentary and programs in Afaan Oromoo language to reach our audiences in all over the world. Join us:
obn.com.et
www.youtube.com/OBNoromiyaa
www.twitter.com/OBNoromiyaa
www.facebook.com/OBNAmharic
www.facebook.com/OBNEnglish
01/06/2026
01/06/2026
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yeroo Filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa Marsaa 7ffaa irratti hirmaatan suuraan
01/06/2026
Har'uma deessee har'uma Filattee mucaashees 'Filannoo' jettee moggaaste.
OBN CYBER MEDIA Caamsaa 24, 2018
Jiraattuun magaalaa Mattuu Barsiistuu Kookeet Tamasgeen deessee sa'aatii 2 booda buufata filannoo Bishaaritti filatte.
Maqaa mucaa ishees 'Filannoo' jettee moggaafachuu OBN'tti himte.
Cichoomina haadha 'Filannoo' akkamiin dinqisiifattu?
01/06/2026
01/06/2026
Maanguddoo umurii 85 Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa dhadhaabbataan ba'anii filatan.
'OBN Cyber Media' Caamsaa 24,2018
Jiraattuun Magaalaa Goree Aadde Biraanee Firrisaa maanguddoo umurii 85 yoo ta'an filannoowwan marsaa darbanii hundarratti hirmaachuu himuun, har'as sagaleenkoo murteessaa ta'uusaa hubadheen dhadhaabbataan ba'ee filadhe jedhan.
Bafiqaaduu Mokonniniin
01/06/2026
‘’Dullumni Filannoo irraa nan daangessuu’’ - Maanguddoo ganna 87
OBN Cyber Media’ Caamsaa 24, 2018
Maanguddoo Qananii Dibaabaa jedhamu, maanguddoo buleessa ganna 87dha. Obbo Qananiin dullumni itti ulfaattuyyu garuu harka hin kennine, harka tokkoon ilma isaanii, harka tokkoon ammoo ulee dhadhaabbatanii lafa garaan isaanii yaade ga’uuf tattaafatu.
Maanguddoo Qananii Dibaabaa waggoota 87 kana keessatti filannoo jabana Dargii keessa adeemsifame dabalatee filannoowwan bara 1987 akka heera biyattiitti waggaa shan shaniin gaggeeffamu hundarratti hirmaataniiru.
Maaguddoon umrii dheeraa qabu kun, bara kana dullumni akka malee itti ulfaatus ya dullumaa na ijifatte jedhanii waan keessi isaanii yaadeefi mirga dimokiraasiin argatan dabarsanii hin kennine. Harka lamaaniinuu daa’imaafi Ulee dhadhaabbatanii sagalee isaanii kennan.
''Ani har’a daa’iman harka qabadhee deemu kanaafan filadhe, biyyi kan warra ol guddataa jiruudha isaaniif waan gaarii keenyee darbuu qabna'' jedhan Obbo Qananiin.
Tamasgeen Hundarraa