Adama Woreda Communication

Adama Woreda Communication

Share

Adama Woreda Communication jijjiiramaaf hojjenna

02/06/2026

Itoophiyaanotni filataniiru; Itoophiyaan injifateetti!
= =

Ijaarsi sirna dimokiraasii Mootummaa qofaan osoo hin taane, hirmaannaa uummataa bal'aan kan dhugoomu yoo ta'u, Uummanni Mootummaa isaaf ta'u filachuu, yaada isaa bilisaan ibsachuu, akkasumas hojii Mootummaan hojjetamu irratti hirmaannaa cimaa taasisuun sirna dimokiraasii jabaa bu'uuressuu keessatti qooda guddaa qaba.

Kanaafuu, dimokiraasiin dhugaa hirmaannaa uummataa irraa madduun misooma biyyaa saffisiisuun guddina diinagdee biyyaa humneessee sagalee uummataatti kabaja kan horuufi filannoo bilisaafi haqa qabeessa keessatti qooda fudhachuun, hojii misoomaa keessatti hirmaachuun biyya badhaateefi walqixxummaan lammiilee keessatti mirkanaa'e ijaara. Uummanni sagalee isaa sirnaan fayyadamee egeree biyyaasaa murteessa; Mootummaan haala kanaan filames milkaa'ina biyyaatiif karaa saaqa.

Imalli ijaarsa biyyaas imaammata, tarsimoofi sagantaa uummanni sagalee isaatiin filateen kan milkaa'udha. Kunis galma guddaa ijaarsa sirna dimokirasii keessatti mootummaan kan ijaaramu uummataan uummataaf uummata keessaa ta'uu kan mirkaneessudha.

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa biyyi keenya Itoophiyaan gaggeessite irrattis Saboonni, Sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa filataniiru. Kanaanis imalli ijaarsa sirna dimokirasii gara olka'insaatti kan ce'e yoo ta'u, kanaafis uummanni sagalee isaa kenne aarsaa kaffaluun boqonnaa haaraan akka saaqamu taasiseera.

Deemsi filannoo kunis dimokirasummaa isaatiin olitti uummanni sirna ofii ijaarrachuun dantaa isaa roga hundaan mirkaneessuuf kutannoo qabachuu isaatiif agarsiiftuu guddaadha. Boqonnaa haaraa kanaanis Itoophiyaanonni filachuun Itoophiyaa injifachiisuu danda'aniiru.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

01/06/2026
01/06/2026

Adeemsi sagalee kennuu dheerate

Adeemsi kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa sa’aatii 12:00 eegalee raawwatamaa ture dheerachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a Caamsaa 24, 2018 barii sa’aatii 12:00 eegalee Adeemsa sagalee kennuu Filannoo waliigalaa 7ffaa raawwachiisaa jira.

Boordichi hanga galgala kana sa’aatii 12:00tti filattoonni sagalee kennuuf hiriirra turan hanga sagalee isaanii kennanii xumuranitti adeemsi sagalee kennuu akka itti fufu beeksiseera.

Akkaataa Labsii 1162/2011 keeyyata 49 muraa 4 tiin boordichi adeemsa kenniinsa sagalee dheeressuu akka danda’u tumameera.

Photos from Adama Woreda Communication's post 01/06/2026





‎Aanaa Adaamaa Buufataalee Filannoo hunda keessatti Ummanni karaa Nagaan sagalee isaanii kennachaa jiru.

Photos from Kallacha Oromiyaa's post 01/06/2026
Photos from Adama Woreda Communication's post 01/06/2026



Godina Shawaa Bahaatti adeemsi sagalee kennuu filannoo marsaa 7ffaa haala ho'aa ta'een geggeeffamaa jira.

Photos from OBN Afaan Oromoo Plus's post 01/06/2026
Photos from East Shewa  Communication's post 01/06/2026
Want your business to be the top-listed Government Service in Adama?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Adama