27/04/2026
Beeksisa
Abbootii Qabeenyaa Murtii Boordii Marsaa 3ffaa Bara 2018 lafti Invastimantii isiniif murtaa'e hundaaf:
Akkaatuma guyyaan beellamaa Xalayaan Murtii Boordii isaniif kennamu Website Mana hojii "investinoromia.et" jedhu irratti maxxanfameen Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaatti argamuun xalayaa Murtii Boordii akka fudhattan ni beeksifna.
Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa !
14/04/2026
Boordiin Invastimantii Oromiyaa Abbootii Qabeenyaa Haaraa 3,156 Kaappitaala Qarshii Biliyoona 49 ol galmeessisan yeroo humna guutuun gara hojiitti galan Carraa hojii Namoota 168,572 oliif uumuu danda'an lafa Invastimantii Heektara 14,142 murteessuufii Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa beeksise
================================
Abbootiin Qabeenyaa kunneen Murtiii Boordii argatanis Abbootii Biyya Keessaa, Biyya Alaa (FDI) Qonnaan Bulaa Adda duree, Waldaalee IMX fi Waldaa Hojii Gamtaa Kaappitaala horatanii gara Invastimantiitti ce'aniidha.
Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsa Miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo kamiiyyuu caalaa sosochii Invastimantiif babal'isuuf taasisaa jiru olaadha. Kunis kan ittiin ifu: Poteenshaala Invastimantii Naannichi qabu Invastimantiif akka oolu taasisaa jira, Zoonii Diinagdee addaa Gadaa qopheessee jira, Magaalota Oromiyaa haala Invastimantiidhan guddachuu danda'an Caasaa pilaanii Magaalichaa sirreeessee jira, Tajaajila Iddoo Tokkoo(Masoobii) Magaalota gurguddoo keessatti akka hundaa'u godhee jira, Lafti Invastimantiif oolu bifa qindaa'ina qabuun akka adda bahu taasifamee jir, dhimmi Invastimantii Ajandaa Hooggansa olaanaa ta'ee jira.
Bu'uuruma kanaan Boordiin Invastimantii Oromiyaa waltajjii gaafa guyyaa 5/8/2018 taa'een Abbootii Qabeenyaa Haaraa Kurmaana 3ffaa keessa simataman 3,156 Kaappitaala Qarshii Biliyoona 49 galmeessisanii fi yeroo humna guutuun gara hojiitti galan Carraa hojii Namoota 168,572 oliif uumuu danda'an Seektara Invastimantii Qonnaa, Manufakcharingii fi Tajaajilaa irratti murteessuu Obbo Ahimad ibsanii jiru.
Waliigala Bara 2018 keessa Boordiin Invastimantii Oromiyaa walga'ii Marsaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa gaggeesseen Abbootii Qabeenyaa Haaraa 11, 477 Kaappitaala Qarshii Biliyoona 312.1632 ol galmeessisan yeroo humna guutuun gara hojitti galan Carraa hojii namoota 859,698 oliif uumuu danda'aniif lafti Invastimantii heektaarri 157, 142 murtaa'eefii jira.
Akkaatuma Dambii fi Qajeelfama Invastimantii tiin Abbootiin Qabeenyaa Murtee Boordii argatan kunneen guyyaa 45 keessatti waliigaltee mallatteessuudhan gara hojiitti akka galan ta'a.
Waliigala sosochii Invastimantii Naannichaa bu'a qabeessa gochuudhaf Abbootii Qabeenyaa hojii keessa galaniif deeggarsa leenjii, faayinaansii, bu'uuraalee misoomaa, humna namaa gahumsa qabuu fi galteen adda addaa taasifamaafii tureen Oomishtummaa Industirii gara %65.4 tti ol guddatee jira. Bara kana qofa Deeggarsaa fi hordoffii cimaa taasifameen Pirojektootni Invastimantii Qonnaa, Manufakcharingii fi Tajaajilaa 4,588 gara hojii Oomishaatti akka galan ta'ee jira.
Kanaanis carraan hojii bal'inaan uummamee jira, Oomishaalee Alaa galan Oomisha Biyya keessatiin bakka buusuun akka danda'ame, Al ergeen dabaluu fi Ce'msi Teekinooloojii akka guddates Obbo Ahimad dabalataan ibsanii jiru
Naannoon Oromiyaa seektara Invastimantii hundaaf mijataa waan ta'ee Abbootiin Qabeenyaa Biyya Keessaa fi Alaa gara Naannoo Oromiyaa dhufanii Invest akka godhan Obbo Ahimada waamicha dhiyeessanii jiru.
12/04/2026
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf:
Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Baga Du 'aa Ka'uu Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoosiin Isin Gahe jedha!
Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa yeroo kamiiyyuu caalaa Naannichatti Invastimantii daraan ol kaasuuf Carraa fi Poteenshaala Naannichi Invastimantiif qabu sadarkaa Addunyaatti beeksisuun hojii Piroomooshinii cimaa hojjechuun Abbootii Qabeenyaa Biyya Keessaa fi Alaa simachuun Murtii Boordii argatanii gara hojiitti akka galan hojiilee gurguddoo hojjechaa turee jira ammas hojjechaa jira.
Kana malees Dambii Invastimantii fooyya'ee bahe bu'uura godhachuun Qonnaan Bulaa, IMX fi Waldaalee Hojii Gamtaa Kaappitaala horatanii gara Invastimantii ce'an simachuun murtii Boordii argatanii gara hojiitti akk galan xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira .
Yeroo ammaas Biirichi Kenna Tajaajilaa Saffisaa, qulqullinaa fi iftoomina qabu kennuuf itti fayyadama Teekinooloojii yeroo gara Yerootti babal'isaa jira.
Itti fayyadama Teekinooloojii Ammayyaa babal'iseenis Simannaa Pirojektoota Invastimantii tuttuqaa irraa bilisa gochuuf Invastimantii karaa "Website" Mana hojiitiin keessummeessaa jira. Hojmaata Simannaa Gaaffii Lafa Invastimantii karaa "On Line" (Website) keessummeeffamaa jiruunis Kenna Tajaajilaa irratti jijjiirama Gaariin jiraachuu ragaan Mana hojichaa irraa argame ni mul'isa. Sagantaan idilee Abbaan dhimmaa itti keessummeeffamus idilaa'ee Meeshaalee Teeknooloojii Ammayyaa fayyadamuun karaa iftoomina qabuun keessummeeffamaa jira.
Bu'a qabeessummaa Pirojektoota Invastimantii fi Industirii mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaa turee fi ammas hojjetamaa jiruun Industirii hedduun gara Oomishaatti kan galanii fi humna Oomishtummaa Industirii 47% irra ture gara %65.5 oliitti kan dabale ta'uu ragaan Mana hojichaa irraa argame ni mul'isa. Hojiilee bu'a qabeessummaa Invastimantii fi Industirii mirkaneessuu irratti hojjetamaa ture keessatti carraan hojii bal 'inaan kan uummame ta'uu.
Hojiilee hojjetamaa tureen yeroo ammaa Naannichatti Pirojektootni Invastimantii fi Industirii 39,382, ol ta'an Kaappitaalli Qarshii Biliyoona 926.18 ol galmeessisan Carraa Hojii Namoota Mil.2.21 oliif uuman sadarkaa adda addaa irratti argamu
Biirichi hojiilee armaan gadii xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jira.
1. Carraa fi Poteenshaala Naannichi Invastimantiif qabu sadarkaa Addunyaatti beeksisuun
Abbootiin Qabeenyaa biyya keessaa fi Alaa gara Naannichaa dhufanii "Invest" akka godhan hojjechaa jira.
2. Pirojektoota Invastimantii gurguddoo Biyyaafis ta'ee Naannoofis Bu'aa olaanaa argamsiisu Simachuun Naannicha keessatti Invastimantiin daraan akka babal'atuu hojjechuu irratti argama
3. Naannichatti Invastimantii bu'a qabeessa taasisuun Hawaasni akka fayyadamu xiyyeeffannoo guddaan ni hojjeta.
4. Invastimantii bu'a qabeessa taasisuun Carraan Hojii bal'inaan akka Uummamu hojiilee bal'aa hojjechaa jira.
5. Yeroo gara yerootti Ce'umsi Teekinooloojii akka babal'atu hojjetamaa jira.
6. Oomishaaleen Ala galu (Import Substitution) Biyya keessatti akka bakka bu'u xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa tureen bu'aaleen gurguddoon akka argaman ta'ee jira.
7. Rakkoolee Sharafa Biyya Alaa hiikuuf Oomishaalee Al ergee (Export) irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
8. Galiin Biyyaas ta'e Naannichaa akka guddatu hojjechaa jira
Kanaaf Abbootiin Qabeenyaa Biyya keessaa fi Alaa seektaroota Invastimantii kanneen akka Manufakcharingii, Qonnaa fi Hoteelaa fi Turizimii irratti gara Naannoo Oromiyaa dhuftanii "Invest" akka gootaan Biirichi waamicha dhiyeessa!
Ayyaana Gaarii
Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa!
2018