27/03/2026
Daa'immaan Talaallamun mirga isaanitti,
Maatiin Talaalchisun Dirqama.
@@@@@@
W/ra Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti Duulli Talaallii Pooliyoo marsaa 5ffaa Keenamuu eegalee jira.
Daa'immaan talaallamun mirga, maatiin talaalchisun Dirqama. Mata duree jedhun
Duulli kun daa'immaan Umurii waggaa 5 gadii hundaaf kan kennamuu fi dabalataan daaimaan kanaan dura talaalamanii hin xumurree, kan hin talaallamne akka Talaallii argatan ni godhama.
Duullii Talaallii kun guyyaa 4riiff kan labsame yoo ta'u Maatiin dirqama daaimman isaanii talaalchisuun fayyaa daa'imaa eeguu akka qaban Waajirichi ergaa isaa isiniif dabarsee jira.
Ministry of Health,Ethiopia
Oromia Health Bureau
Agaro City Health Office
25/03/2026
Magaalaa Aggaarootti waggoottan shanan darban pirojektiiwwan damee sektara fayyaa qarshii biliyoona 1.6 oliin ijaaraman.
Magaalaa Agaarootti kenniinsa tajaajila fayyaa si’ataafi qaqqabamaa taasisuuf waggaootan shanan darban pirojeektiiwwan garaa garaa qarshii biliyoona 1.6 oliin ijaaraman.
Itti gaafatamaan waajjira fayyaa Magaalaa Aggaaroo Obbo Guddataa Yilmaa kenniinsa tajaajila fayyaa si'ataa fi qaqqabamaa ta'e hawaasa biraan gahuuf pirojeektiiwwan sektera fayyaa babal’isuun tajaajilaaf oolchuuf xiyyeeffaannoon hojjetamaa jiraachuu himanii, dhibeewwan adda addaa ittisuu, to'achuufi dhabamsiisuun hawaasa fayya buleessa misooma roga maraa keessatti hirmaachuu danda’u horachuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Haaluma kanaan Waggoottan shanan darban magaalichatti pirojektiiwwan garaa garaa baajeta mootummaafi miti-mootummaa akkasumas hirmaannaa hawaasaan qarshii biliyoona 1 fi miliyoona 670 kuma 350 kan ijaaramaniifi ijaaramaa jiran ta’uu dubbataniiru.
Akka Magaalaa Aggaarootti Kenniinsa tajaajila fayyaa fooyeessuuf bara 2013 buufata fayyaa lama qofa ture,bara 2017tti buufata fayyaa sadiitti olguddisuun kan danda’ame ta'u Obbo Guddataan dubbataniiru.
Keniinsa tajaajila sektera fayyaa kana caalmaatti milkeessuufis Pirojeektiiwwan dabalataa adda addaa ijaaramaa jiraachuun ibsameera.
Ministry of Health,Ethiopia
Oromia Health Bureau
Agaro City Health Office
01/03/2026
Gamaggamni raawwii hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS fi Hepatitis virus gaggeeffame
====-=======
Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti Gamaggamni raawwii hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS fi Hepatitis virus gaggeeffame.
Gamaggama kana irratti Hospitaalli waliigala Aggaaroo,Buufanni fayyaa Aggaaroo, buufanni fayyaa waldaa, buufanni fayyaa koyee fi qooda fudhattoonni irratti argamaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira fayyaa Obbo Guddataa Yilmaa gamaggama kana irratti ergaa dabarsaniin dubartoota fi dargaggoota akkasumas qaamolee saaxilamoo ta'an irratti qorannoon gaggeeffamaa tureera qorannoo kanaanis raawwiin jiru gaarii ta'uu kaassun gara fuulduratti hawaasa fayya qabeessa ta'e horachuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Qindeessaan Sagantaa HIV/AIDS Obbo saabit Mohammadamiin akka jedhanitti hojiileen gama I/T/HIV/AIDS n ji'oottan jahaan darbaniif hojjetamaa turan fooyyee kan qaban ta'uu gabaasa isaaniin kaasaniiru.
Gabaasni hojiilee kunneenii karaa obbo Haafiz Jamaal fi Obbo Saabit Mohammadamiin dhiyaachuun mariin erga gaggeeffameen booda kallattiin hojii kennameera.
01/02/2026
Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti dhukkuboota daddarboo irratti hawaasaaf hubannoon laatame
===-----===-----===
Waajjirri fayyaa bulchiinsa magaalaa Aggaaroo dhukkuboota daddarboo irratti hawaasaaf hubannoo laate.
Itti gafataman waajjira Fayyaa Magaalaa Aggaaroo obbo Guddata Yilma dhukkubooni daddarboon hawaasa keenya keessa akka hin fafacaaneef xiyyeeffaanno guddan hojjetama akka jiru kaasaniiru.
Qindessaan saganta HIV AIDS waajjirichaa obbo Saabit Mohammedamin ergaa dabarsanin guyyaa harraa gandoota magaalaa hunda keessaatti hojiin hubannoo uumuu kan kennamaa jiru ta'uu kaasuun dhukuba daddarboo tahan kan akka dhukuba HIV AIDS irratti hawaasni keenya hubannoo bal'aa qabachuun dhibee kana dursee ofirraa qolachuun hubannoon kennamu murteessaa ta'uu kaasaniiru.
Hubannoon kun kan uumame gandoolee magaalaa hunda keessatti yemmuu ta'u haala daddarbinsa isaa fi ittisaa fi yaala isaa irratti balaanin barnooni keenamera.
12/12/2025
Daa’ima Talaalchiisuu dhabuun mirga daa’immanii sarbuu dha!
(Muddee 03, 2018-Aggaaroo)
============================
Talaalliin Pooliyoo Qindaa’aan marsaa 4ffaa akka Biyya keenyaatti Muddee 03 – 06 bara 2018 guutummaa naannoo keenyaa fi Magaalaa Aggaaroottis ifatti kennamu eegalameera.
Talaalliin kun Gandoole Magaalaan Aggaaroo qabdu hunda keessatti daa’imman wagga shanii gadi ta’aniif manaa manatti, manneen barnootaa fi bakka daa’imman kunneen argaman hundatti kennamu jalqabeera waan ta’eef hawaasni, hojjettootni seektarichaa fi qooda fudhattoonni hundi gumaacha irraa eegamu taasisuu akkasumas daa’imni tokko talallii kana argachuurraa duubatti akka hin hafne amanamummaa fi miira itti gaafatamummaatiin hojjachuu akka qaban Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo Obboo Guddataa Yilmaa dhaamaniiru.
Imaammata ittisa dhukkubootaa fi yaalanii fayyisuu akka seektara fayyaatti qabame milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu kaasanii, fayyummaa hawaasa magaalichaa eegsisuu irratti Inisheetiivota fayyaa bocaman hojiirra oolchuun bu’aan abdachiisaan galmaa’uu himan.
Itti dabaluunis, duula talaallii Pooliyoo eegalame kana qooda fudhannaa hawaasaa sadarkaa hundatti cimsuun milkaa’ina sagantaa kanaatiif akka hojjatan obbo Guddatan ibsaniiru.
Agaro City Health Office
13/11/2025
Dhibeen dhiibbaa dhiigaa olka'aa maali? Akkamiin ittifama?