Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court

Share

Justice For All!!

Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court's post 17/04/2026

Duub- Deebii Gamaaggama Raawwii Hojii Baatii Sagalii irratti mariin geggeeffame
.....//......
Mariin kun bakka hooggansi kilaastera lixaa Mana Murtii Waliigalaa Daariktera Daaroktiretii KTAS MMWO kabajamoo Obbo Mokkonin Raggaasaa fi Ittigaafatamaa Waajjira Naamusaa fi Inspeekshinii MMWO kabajamoo Obbo Gammachiis Dhugumaa argamaniitti geggeeffamee jira. Sagantaa kanaas harcatiiwwan gama hundaa jiran dhiyaachuun marii irratti adeemsifamee jira. Dhuma irrattis kallatti yeroo itti aanuu kennamuun waltajjiin golobamee jira.

Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court's post 06/04/2026

SIRNA GAGGEESSA ABBAA SEERAA MANA MURTII OLAANAA
.......//....
Sirni gaggeessaa/Awwaalcha /Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa lixaa, Addee Masarat Guuttannee Bitootessaa 28 bara 2018 Bulchiinsa Magaalaa Amboo bakka awwaalcha ,makaana iyyesuus tti raawwatameera.
Sirnicha irratti Abbootiin Seeraa, Abbooti Alangaa Godina fi Aanaalee ,ogeessonni seeraa hojjettoonni fi hawaasni Manneen Murtii G/Shawaa Lixaa sadarkaa adda addaarra jiran, hooggantootni qaamolee mootummaa adda addaa, firoottanii fi hiriyoonni isaanii heddu ta’an argamaniiru.

Seenaa jireenya isaanii sirna gaggeessaa isaanii irratti dubbifame akka ibsutti Add.Masarat obbooloota dhiiraa fi dubaraa heddu keessatti dhalatanii akka guddatanii fi bultoo ijaarratanii haadha ijoollee afuriiti.

Addee Masarat Guuttannee nama hunda ija wal qixaan ilaalaa kan turanii fi Jireenya hawaasummaa keessatti hirmaachuun hiriyoota isaanii biratti fakkeenyummaan kan qabanii fi rakkoo namaa irratti nama namaaf qaqqaban ta'uun ibsameera.

Manni Murtii Ol'anaa Godina Shawaa lixaa du’aan of biraa dhabuu waahila hojii keenya Addee Masarat Guuttanneetiin gadda cimaa nutti dhagahame irra deebiin ibsaa maatii, firootaa, fi waahillan hojii isaanii maraaf jajjabina hawwina.
Bollaa isaanii daadhii haa guutuu!.

Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court's post 06/04/2026

IBSA_GADDAA
.....//.....
Hogeessa koorniyaaf haqa Daa'immanii Mana Murtii Aanaa Tokkee Kuttaayee kan turan Ad. Kaasanash Girmaa dhukkuba irra buleen yaalamaa turanii booda gaafa 26/07/2018 du'aan addunyaa kana irraa boqotaniiru. Sirni awwaalcha isaanii Bitootessaa 28/ 2018 sa’aatii 6:00 irratti Magaalaa Ambootti kan raawwatamu ta'a. Gada nutti dhagahamee ibsaa maatii isaanitiif jajjabina hawwana.
MM Ol’aanaa Godina Shawaa Lixaa
Guyyaa 28/07/2018

05/04/2026

IBSA_GADDAA
.....//.....
Abbaa seeraa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa kan turan Ad. Masarat Guuttannee dhukkuba irra bubbuleen yaalamaa turanii gaafa 26/07/2018 du'aan addunyaa kana irraa boqotanii jiru. Maatii fi hiriyoota isaaniif ammoo jajjabina hawwina!.

Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court's post 16/03/2026
Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court's post 12/03/2026

Guyyaa kabaja Ayyaana Dubartoota Addunyaa(Marcha 8)
.....…//..........
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa Guyyaa Kabaja Ayyaana Dubartootaa akka biyyattii yeroo 50ffaa , akka Addunyaatti yeroo 115’f mata duree “ Mirga fi Wal-qixxummaa Dubartootaa " jedhuun akka Mana Murtii Ol’aanaa Godina shawaa Lixaatii Kabajame Ooleera.
Guyyaa kabaja Ayyaana kanaa irratti argamuun Haasa Baniinsa kan taasisan Kab. Pireezidaantii MMO kab. Ob. Dabalaa Didhaa Guyyaan Dubartoota Addunyaa, dubartoonni dinaagdee, siyaasa , hawasumma keessatti walqixummaan koorniyaa akka jiraatuuf falmachaa turuun guyyaa kana kan kabajamee ooluudha, walqixummaan korniyaa iddo dur jiruu irraa fooyyee kan qabu ta'uus garuu ammaas gama hundaa qabsoo kan barbaadudhaa jedhanii jiru. Kabaja Ayyaana kana irraattis Abbootii seeraa fi hojjeettonnii kan hirmaatanii jiru.

Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court's post 08/03/2026

MARII
==//==
Abbootii Seeraa Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Lixaa dhimmoota adda addaa irratti marii taasisan.
Mariin kunis qulqullina kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa fooyyessuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, mata duree sababoota galmee ol’iyyannoodha deemanii diigamanii, fooyyaa’inii fi qabxiin gadi deeba’inii akkasumas bu’aa odiitii galmee marsaa 1ffaa walduraa duubaan dhiyaachuun marii irratti adeemsifamee jira

Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court's post 01/03/2026

Hojiiwwan kurmaana 3ffaa keessa karoorfamaan fiixaan baasuuf mariin gaggeeffame.
.....//......
Marii hooggansa Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa fi Pirezidaantoonni Manneen Murtii Aanaalee Godinichaa hirmaachiseen hojiilee gurguddoo kurmaana 3ffaa keessa hojjetamuuf karoorfaman ilaalchisee raawwii hanga ammaatti jiru irratti marii gaggeeffamee jira. Haaluma kanaanis sochii manneen murtii gama hundaan jiru kan ilaalame yoo ta'u yeroo hafe keessatti iddoo karoorfame akka gahamuuf kallattin kennamee jira.

Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa-West Shoa zone High Court's post 25/02/2026

Manni Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaa Ogeessoota TQO Aanooleetiif Guyyaa har'aa (18/2018) Ittii fayyadama Data Hub Ethiopian Artificial Intelligence Institute qophessee irratti Sagalee fi sanadoota tiraanskriipshiniif olkaa'uu,Ragaalee dabaluu, irrattii Karaa Google Meeting Hubannoon dandeettii ciimsuu kennee Jira.

Want your business to be the top-listed Government Service in Ambo?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


Ambo
127

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00