13/05/2021
Kiliniikni Fayyaa Beeyladaa gosa "B" Aanaa Meettaa Walqixxee yeroo dhiyootti tajaajila hawaasaaf kennuu eegala!! Yeroo ammaa....
Increase the productivity and product of animals by keeping the animal health!!
13/05/2021
Kiliniikni Fayyaa Beeyladaa gosa "B" Aanaa Meettaa Walqixxee yeroo dhiyootti tajaajila hawaasaaf kennuu eegala!! Yeroo ammaa....
03/01/2021
Aanaa Meettaa Walqixxeetti Talaalliin dhukkuba Taayifooyidii Lukkuu guyyaa har'aa ogeessotan kennamee jira
05/10/2020
Ijaarsi kiliniika Fayyaa beeyladaa gosa "B" Aanaa Meettaa walqixxee sadarkaa kanarra ga'ee jira.
15/09/2020
Talaalliin dhukkuba gogaa loonii (lumpy skin Disease) aanaa meettaa walqixxee gandoota hunda keessatti ogeessota Fayyaa Beeyladaan kennamu akkuma itti fufetti jira....
10/09/2020
Aanaa meettaa walqixxee magaala walqixxeetti Talaalliin dhukkuba gogaa loonii /lumpy skin Disease/ guyyaa har'a Qaammee 05/13/2012 kennamaa oolee jira. Gandoota aanaa keenyaa hundatti saganteeffamee waan kennamaa jiruuf gandoota keessan keessatti iddoo mijaatuutti "kiraashii" loon keessatti talaalamaan ijaaruun ogeessa akka beeksiftan waajjirri misooma Qabeenya beeyladaa aanaa kabajaan isin hubachiisa!!
07/09/2020
Raabsa Marga Dashoo Aanaa Meettaa Walqixxeetti....
07/09/2020
Waajjirri Misooma Qabeenya Beeyladaa Aanaa Meettaa walqixxeetti Qonnaan bultootni gareen ijaarramanii Hoolaa/Ra'oota ji'oota sadiif furdisaa turaan yeroo ammaa sadarkaa barbaaddamu irraan gahuun gabaaf dhiyeessuu irratti argamu. Kanaafuu fayyadamtootni fayyadamuu barbaaddan Oomisha kana Qonnaan bultoota gareen ijaarramaniirra bitachuun jajjabeessuun barbaachisaadha. Deeggarsa taasiftaniif Galatoomaa!!
25/06/2020
Talaalliin Ra'oota Gareef bitamaniif haala kanaan kannamaa jira.
25/05/2020
Waajjira Misooma Qabeenya Beeyladaa Aanaa Meettaa walqixxeetti ogeessota Fayyaa Beeyladaa waliin mariin yeroo gabaabaa haala of eeggannoo qabuun akkamitti hojii Misoomaa karoorfame raawwachaa jirra? Karoorfamee Raawwiin isaa kan gadi bu'e haala yeroo (dhukkuba korona) osoo hin sababeeffatin yeroo hafe keessatti raawwachuu akka dandeenyu kallattii kaawwamee jira. Of eeggannoo barbaachisu dhibee koronaaf taasisaa hojii Misoomaa Fayyaa beeyladaa eeguun itti fufna jedhan ogeessonni Fayyaa beeyladaa!!
10/05/2020
Waajjira Misooma Qabeenya Beeyladaa Aanaa Meettaa Walqixxeetti Talaalliin Taayifooyidii Lukuu guyyaa 42ffaa haala armaan gadii kanaan kennamaa oolee jira. Raabsi Lukkuu kun yeroo dhiyootti waan raawwatuuf akka Itti qophooftan dhaamsa keenya!!!
01/05/2020
Misooma Marga Dashoo Manduubeetti