Mana Murtii Aanaa Ciroo-Chiro District Court

Mana Murtii Aanaa Ciroo-Chiro District Court

Share

State First Instance Court

Photos from Mana Murtii Aanaa Ciroo-Chiro District Court's post 13/08/2023

Sagantaa cufinsa hojii bara 2015, Beekamtii fi badhaasaa gaggeeff𝚊𝚖𝚎!!
•••••••••••//•••••••••••
Manni Murtii Aanaa Ciroo sagantaa cufinsaa hojii bara 2015, sirna beekamtii fi badhaasaa bakka Kabajamoo Pireezidaantii MMO Godina Hararghee Lixaa Obbo Mahammad Abdurahaman, Bulchaa Aanaa Ciroo Obbo Yaasiin fi keessummoonni garagaraa kan biroo argamanitti guyyaa har'aa gaggeessee jiraa. Sagantaa kanas Kabajamoo Pireezidaantii MMO Godina Hararghee Lixaa Obbo Mahammad Abdurahaman haasa banninsaa taasisuun banuun, raawwii bara 2015 Manni Murtii Aanaa Ciroo galmeesseef baga gammaddan jechuun ergawwan adda addaa dabarsanii jiru.
Manni Murtii Aanaa Ciroo bara 2015 keessa hojiilee gama hundaan hojjechaa tureen raawwii ol'aanaa galmeessuun manneen murtii Aanaalee Godina Harargee Lixaa keessaa sadarkaa 2ffaa qabachuun xumuruun badhaasa geebaa argachuun isaa ni yaadatama. Raawwii olaanaa argame kanaaf shoorri hojjetootni Manaa Murtiichaa hoggansa irraa hanga wardiyyaatti taasisan olaanaa ta'u hubaachuun Abbootti Seeraa, Ofisaroota Seeraa fi hojjetoota deggersaa madallii hojiin sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif badhaasa fi beekamttin kennameera.
Gama biroon Abboottii seeraa MMA Ciroo kan turan Obbo Yoobsan Baqqalaa fi Obbo Dursaa Aliyyii sababa guddinaan mana murtii keenya irraa gara mana murtii biroo deemanii, fi ofisara seeraa Obbo Shimmallis Takkaa kan sababa guddinaan mana murtii keenya irraa deemaniif beekamtti fi kennaan kennameera.
Xumura irrattis afeeraa laaqannaa taasisuun yeroo boqonnaa gaarii waliif hawwuun sagantaan qophaa'ee xumuramee jira.
Sagantaa kana milkeessuuf warri dadhabdan hundinuu galatoomaa jenna!

Hag 08, 2015
Mana Murtii Aanaa Ciroo
Ciroo.

29/07/2023

Abbootiin Seeraa Oromiyaa Hundi Yeroo Boqonnaa Gaarii Siniif Haa Ta'u !!
---------------------
(Adoolessa 22,2015 MMWO)-Abbootiin Seeraa Oromiyaa Adoolessa 21 irraa jalqabee boqonnaa irra jiru.Cufamuun Manneen Murtii bu'uura irraa Abbootiin Seeraa waggaa guutuuu dadhaabbii guddaadhaan uummata isaanii tajaajilaa turan boqotanii sammuu haaromeen hojiitti akka deebi'aniifi.
Bu'uuruma kanaan manneen murtii Oromiyaa sababa boqonnaa Abbootii Seeraatiif yeroo gannaa (Adoolessa 21-Fulbaana 20,2016)tti dhimmoota murtii Gumiitiin adda bahanii hayyamamaniin ala tajaajila idilee hin kennan.
Waan ta'eefis Abbootiin Seeraa keenya waggaa guutuu dadhabbii guddaadhaan uummata keessan tajaajilaa turtan yeroo boqonnaa gaarii akka isiniif ta'uu hawwii qabnu ibsaa, hawaasni keenyas dhimmoota yeroo boqonnaa abbootii seeraa keessa keessummaa'anii fi hin keessummoofne (toora telegram fi facebook MMWO irratti guyyoota muraasa dura maxxanfame) irratti hundaa'uun akka tajaajilamtan ni beeksifna.
----------------

27/07/2023
Photos from West Hararghe Zone Communication's post 25/07/2023
Photos from Mana Murtii Aanaa Ciroo-Chiro District Court's post 25/07/2023

Raawwii hojii waliigalaa bara 2015'n abbaa geebaa ta'e.👏🏆👏👏
=========/////==========
Hawaasni Mana Murtii Aanaa Ciroo fi deeggartoonni mana murtii Aanaa keenyaa baga gammaddan. Manni murtii keenya hojii isin itti dhamaatanii bara 2015 keessa hojjachaa baataniin manneen murtii aanaalee Godina Harargee Lixaa keessaa raawwii ol'aanaa galmeessuun 2ffaa bahuun badhaasaa fi beekkamtii argateera.

Badhaasaa fi beekkamtiin har'a argame kun bu'aa hojii garee hojjattoota Mana Murtii Aanaa Ciroo hundaa waan taheef baga gammaddan, baga gammanne‼️

Badhaasaa fi beekkamtiin guyyaa har'a akka Mana Murtii Aanaa keenyatti arganne kun hojii bara 2016 hojjennuuf cimnee hojjachuu akka qabnu hojii-manee cimaa kan nuuf kanne waan taheef ammumarraa bara 2016 raawwii kanaa olii raawwachuuf akka of qopheessinu isiniif dhaamna.

Baga gammaddan, baga gammanne🏆

Photos from Mana Murtii Aanaa Ciroo-Chiro District Court's post 25/07/2023

Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Harargee Lixaa 5ffaa
Adoolessa 18/2015

Want your business to be the top-listed Government Service in Asebe Teferi?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Asebe Teferi

Opening Hours

Monday 08:30 - 17:30
Tuesday 08:30 - 17:30
Wednesday 08:30 - 17:30
Thursday 08:30 - 17:30
Friday 08:30 - 17:30